Galanni Siif Haa Ta'u
Oolmaa kee yaadannaan garaa koo na raasee,
Akkan si faarfadhuuf afuura qulqulluun kadhadha baay’isee.
Qulqulloonni hunduu maqaa kee ni faarsuu,
Ulfinni kee guddaa jechii koo sin ibsuu.
Maqaan kee sorataa dammaaf aanan caalaa,
Sittu na guddisee yaa haadha jaalalaa.
Tasaa hin qanoofnee maariyaam maariyaam jedhee,
Nama gad hin taane kennaa keen badhadhee.
Yaa haadha waaqayyoo galannii siif haa ta’uu,
Qulqulleettidha ati ulfinnii siif haa ta’uu.
Uummamaa hundaan duraa yaada abbaan kan turtee,
Karaa kee banamee balballi waan turteef.
Fooliin kee urga’aa aababboo gannataa,
Sanyii kan hin bunee omishaa kibxataa.
Dunkanaa midhagduu galannii siif haa ta’uu,
Yaa bultoo waaqummaa galannii siif haa ta’uu.
Kabajni kee in caalaa kabajaa ergamootaa,
Kan isaan koma’aaniif harmaa kee hoosiftetaa.
Kan filaaman caalaa ati kan filaatamtee,
Durbummaadhaan deesse ilma kan nuuf lattee.
Kennaan kan guutamtee nagaan siif haa ta’uu,
Ayyaana qabeetti gammachuun siif haa ta’uu.
Huccuu warqee uffattee mirgaa ni dhaabataa,
Aduu irraa harkaa torbaa midhagdee ni iftaa.
Dhalaa hanga dhalaatti nan hima waa’ee kee,
Chaappeffamee jira laphee koot maqaan kee.
Yaa gugee garraamii galanni siif haa ta’u,
Hundaaf kan gaddiitu galannii siif haa ta’u.