Ergamaa gammachuu Gabri'elli
Nutti si waamannaa nuu duukaa ta'i
Ergamaa gammachuu Gabri'elli
Nutti si waamannaa nuu faana ta'i

Abiddichaa keessa kan galan
Ijoolloonni sadan Waaqatti amananni
Ariiffanan samiirraa barriissee
Abiddaa fannoon qabaneesissee

Yeroo qorumsaa nuu dukkaa ta'a
Qulqulluun Gabri'el nuu faanan ta'a
Daandiirraa taa'ee diini akka nu hin xuqnee
Gabri'el nuu eeggii abdii si godhane

Gammachuu samiirraa kan nama fiduu
Aangoon kee guddaadha si qabadhee hin gadduu
Nutti si waamna ergamaa Raamaa
Bakki hir'uu keenya sin guutammaa

Ijoollee Waaqayyoo kan jajjaabeessu
Kan ergamee dhufee nuu gargaaruu
Hardhaa si waamna nuu eebbissii
Ati nuu eeggii nuu jajjaabeessi

Waaqa tolfamaafi hin sagaadnu jedhaa
Bishaan buluqaattis gadi darbatamaa
Ergamee ni dhufee Waaqa birra
Isaaniin ni olchee qorumsiiicharraa

Warra waamu hundaaf kan jajjaabeessu
Bakka qorumsaattis namaan dagattuu
Eegumsii kee hundii nurraa adda hin ba'in
Yaa ergamaa ifaa nurraa hin fagaattinni