Maariyaam ni caaltii uumamaa hundarraa(2)
Ishee hin gubnee abiddi waaqumaasaa(2)
Miidhagduu akka warqee urgooftu gannataa
Kabaja keef jecha jilbii koo holata
Simannaan kee adda kootumee haadha koo
Ifa keettin gutii bososaa godoo koo
Lafa onnaa keessaa godanuu keen argee
Ati qoricha deenyaan amileen koo margee
At madda boqonnaa dessee na badhaastee
Kanaf uuman gadii uumamaan ol taatee
Karaa ishee cufamtuu karaa bahaan argee
Isqeel dhugaa ba'e durboo ulfinaa kee
Tasa sirraa hin maqnee hundumaa argeerraa
Naan dhabbiin ayyoo koo at waltajjii keerraa
Dirree qabsoorratti ilma kettin ba'e
Injiiffadheen galee dinnii koo in qana'ee
Hundeen kee hin jiguu qabata abboota koo
Maariyaam(2) jedhe hin quufu arrabni koo