Gurguddootaa dhiisee isa bade barbaachaa
(2x)
Walakkaa galanaa dhabbate walakkaa galanaa.

Iccitii isaa guddaa abbaan ifa baasee,
Ilmaa isa jaallatuu gooftaa nuu badhaase.
Maqaa sooratne isa ittin bullu,
Waaqayyoo nuuf keenne affuura qulqulluu.

Ofii irraat arginaan yoordanoos uummaa isaa,
Teellati deebi'ee mul'isee sodaa isaa.
Gooftaan hundaa uumee gad of qabuudhaanii,
Cuuphammudhan kunoo nuuf bu'ee nagaanii.

Daawit mul'ataasaan akkumaa dubbaate,
Arjummaan gooftichaa sirriitti mul'aate.
Lafti ifaan guutees lammuun dukkanaa'uu,
Jira yeroo dhiphuu waaqni inni nuuf nahuu.

Jireenyi garbummaa seexanna harkaa ba'ee,
Aangoo Iyeesuusiin har'a barbada'ee.
Galataaf dhabbannee nuuttis dhugaa baanaa,
Maqaa Kiristoosiin nama ifa taanaa.

Gurguddoo dhiisee isaa bade barbaachaa
(2x)
Walakkaa galanaa dhabbate walakkaa galanaa.

አዲጎ ተሳ ወተሳተ ነገድ ነገዲ
(2x)
ማህኬለባሕር (3x) ቆመ ማህኬለባሕር