Da'oo keenya isheen
Yoseph Tena
May 7, 2025
1088 Views
"
Kadhannaa isheettinni lafa yaadne geenyaa (2x)
Da'oo keenya isheen Rakkinaa keessatti
Da'oo keenya isheen Ishee nama hin dhiistu
Da'oo keenya isheen Rakkoo dhala namaa
Da'oo keenya isheen Kadhaa isheen kan hiiktuu
Isheen da'oo keenya gargartuun hundummaa
Haadha koon sin jedhaa haadha koot dhugumma
Uffaanna warqeedhaan dubarroon kuulamtee
Mirgaa ilmaa ishee dhabatee kunoo nuuf kadhattee
Da'oo keenya isheen laphee koon haadha koo
Da'oo keenya isheen olmaa dubbaataa
Da'oo keenya isheen waanta ati naaf gootee
Da'oo keenya isheen akkamiin dagaataa
Waanti hamaan illee anatti yoo dhufee
Haadha koo sin gannu laphee koo dhufee
Danda'ee hin obsuu haadha koo maqaa kee
Keessa koo waan jiruuf yeroo hundaa olmaan kee
Da'oo keenya isheen warri si ganannii
Da'oo keenya isheen maqaa kee dhiisannii
Da'oo keenya isheen irrii isaanii hoolaa
Da'oo keenya isheen keessi isaanii yeeyyii
Sirraa addaan na baasuf yaali godhanirruu
Narraa eegii haadha koo kan akka kee hin jiru
Haasa ormootadha tasa hin dhageeffadhu
Haadha irraa addaan ba'ee akkamiin jiraadhu