Sobaan hin jiraannu
Yoseph Tena
May 8, 2025
403 Views
"
Kiyyoo isa kamtuu sirra na deebisa
Maariyaam haadhakoo anoo sin dagadhuu
Haadhummakee ganee sobaan hin jiraadhuu
Eeyyeen sobaan hin jiraannuu
Ceesisa
Sobee jaallatamuuf miti kanan si faarsu
Waa'ee kee maariyaam keessa kootu hin obsuu
Uumamarra caalta atoo waaqa desse
Ulfina kee bareen maqaa kee ol kaasee
Ceesisa
Jaalalan siif qabu haalli hin daangessuu
Maqaa ke faarffachuun eenyuu nan dhiisisuu
Warri ulfina kee kabajakee hin beekne
Anaan nan kuffisan warri dhugaa hin qabne
Ceesisa
Kan namni hin agarre gadda garaa kotii
Situ naaf qaqqabee cabaa laphee kootii
Da'ime mana kee galataaf nan dhufa
Si biraa hin deemu mana keettan hafa
Ceesisa
Utuun hin dubbatiin yaada ko kan beektu
Iccitiin keessa ko si jala hin dhokatu
Oduu diinaa ilaalee anoo harkakoo hin laadhu
Haadhumma kee beekaa si ganee hin jiraadhu
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu