KENNAA FANNOO JALAA
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/ttuu Meetii Efreem
1226 Views
"
Waaqni kan nuuf kennee si haatii jaalalaa
Maariyaam Giiftii koo kennaa fannoo jalaa
An maafan si ganaa
Karaa kee argannee nuutti daandii jireenya
Kanaaf nuutti tole nuun jirenyi keenya
Maaloo nuuf kadhadhuu waa'ee cubbuu keenya
Nurraatii hin fagaattin guyyaa rakkoo keenya
Oolmaa nurra qabdaa nuttillee hin dagannuu
Nuuf laatteetta deesse yoomuun irraanfannuu
Yeroo si waammannuu nu giddutti argami
Nu cina dhaabadhuu nu mil'adhu ati
Uumaarraan kan hafe hundarraa ni caaltaa
Gammadi yaa haadha koo ati filaatamteettaa
Ayyaana qabeetti kennaan kan guutamtee
Dubartoota keessaa at kan eebbifamtee
******************
Dubaroo Maariyaam gammadi haadha koo
Ilma kee nuuf kadhuu ati guyyaa rakkoo
Nuu guuti haadha koo hir'uu keenya beektaa
Nu akka nu dhaabuuf mirgaaf nuuf kadhattaa
******************
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu