Maal jedhen himaa arjumaa kee
Dubbadhe hin fixu gaarumma kee
Tasuma hin danda’u garaan koo
Siraa addaa hin ba’u Maariyaam koo
Warraa rakkatanif Maariyaamii Abdi kutatani
Yaado bayy’eedhani Maariyaami warraa dhiphatani
Atti furmaata isaanif taateerta
Imiimaan isaani Qorsiiterta
Rakkoo Bayy’eedhan Maariyaami Yoon qabameyyuu
Hiyyumaadhanis Maariyaami yoon dhiphadheyyuu
Maariyaam sin qaba qofaa koo miti
Rakkoon bayy’atus umaa miti
Gadaameesii kee Maariyaami Goofta kan batee
Ijoollee Adaamif Maariyaami haadha kan taate
Si filaatera Waaqayyoon kee
Kanaf si faarfannaa ijoollee kee
Atii Herrorsin Maariyaami yemmuu ari’atamte
Mucaa kee wajjiin Maariyaami Yemmuu dhiphate
Baay’ee mucaashee mararfate
Boossee imimmaan ishee dhangalaste
Gad deebi’ootaf Maariyaamii garaa kan laaftu
Ijoollota keef Maariyaami abdi kan taatu
Maare maal jedhen si jajadha
Maariyaam maqaa kee nan faarfadha