Siif haa ta'u nagaanii
Yoseph Tena
May 9, 2025
609 Views
"
Himaa misiraachoo Gabriel ergamaa nagaa
Ulfina qabeessa kottu nagaan gara koo
Ifa fannoo warqee miidhagaa yaa gugeekoo/2
Diinni qofummaa koo na marsuuf si'oomee
Sagalee koochoo kee dhageenyaan nii roqmee
Samiirraa dhufuuni na jajabeesitee
Ifa aalbeekeetiin moorma koo kan hiitee
Magalaa ergamootaa raamarra qubattaa
Fuula waaqa dura galataaf dhaabbattaa
Hamootiin baatanii ifa fuula keetii
Lallabaa misiraachoof ulfina waaqaatii
Urgaan foolii keetii abdiidhaan na guutaa
Dambali'ee yaadnikoo gannata daawwataa
Mallattoo dhugaadhaa koochookeerraa qabdaa
Eegumsaaf kennaakoo ulfinni kee addaa
Siif ajajamaa abiddi boba'anii
Gabriel dhaameeraa albeen kee tuqnaanii
Kanaaf an si waama hardhas dafii kottuu
Leeyya'ee seexannii abdiis haa kutatu