Galataan dhiyeessaa ani waaqa na jaallateef
Yommuun daagatamee sana isa na yaadatee
Mootichi misiir ajaaja baasee
Murtoo isa du'a nurratti labsee
Ati eega goofta uumtee hin dagaatu
Uumamaa keessa homtuu siin gituu
Jiraa ajjestee du'aa ni kaasta
Lafaaf samiirratti eenyuu siin qixaa
Gaafa rakkinaa lafti hin bari'u
Yoo bari'eyyuu ifaa hin ta'uu
Dhibeen baayyannaan haatuu hin dagaatti
Mucaashee dhiistee ofii of oolchittii
Simaale goofta gaariin hin jiruu
Osoo nan nuffiin kan na gargaaru
Dhiira ajjeessa durba dhiisatti
Yoo babaalatee nurratti kaatii
Jechuun dubbaate ol of qabuu
Angoon kan goofta koo ta'u utuu hin yaadiin
Du’aaf nu hin waamanne jireenyaaf malee
Kan nu guddisee eenyu si malee