Gammanneerra baay'ee gammanneerraa(x2)
Eebbasaa waaqarraa arganneerra
Dukkanni yommuu turee Gammanneerra
Cubbuudhaan qabamnee -Ifa jireenyasaa
Jaalala nuuf kennee - Gara baha ilaala
Iddoo adduun jirtuu -Dukkanni karaa keenyaa
Ilmaan qulqulla'ee
Haati ifa keenyaa Gammanneerra
Maariyaam giftii koo -An sumaan kadhadhaa
Ammaa du'a koottii -Bara jireenya koo
Si'idha abdiin koo -Boqonnaan lubbuu koo
Cubbuuf qoricha koo
Haati biyyaa Gisheen Gammanneerra
Yaa haadha gooftaa koo -Taatee kan argamtee
Kan ittin kooraani - Nyaatanii dhugaanii
Kan ittiin quufanii -Godoo boqonnaa koo
Maariyaam sumaadha
Ulfaattuu Giiftii koo Gammanneerra
Iftuu biyyaa siinaa -Balbala isqi'eelii
Duumessa museedha -Misirroo mootii dha
Baganaa Dawwitii -Warqeerra kan caaltuu
Abdiin hoolotaadha -Ija garaa keetin
Jireenya argannee