Aniif manni koo waaqayyoon waaqessinaa(2)
Isatti amannee abdii godhanee gochasaa dhugaa baanaa (2)
Warri amaleqoonni naannoo keenya marsuun
Innii isiinin oolchuu eessa jira jechuun
Goota beekamaadha innoo waaqni keenya
Saalphinaan deebisee warra diina keenyaa
Isaatti hirkannee humni keenya hin laafnee
Gargaarsa isaatiin waanta hedduu darbinee

Maqaasa jajachuun unuuf hojii keenyaa
Yoomuu irraanfannuu olmaa waaqa keenyaa
Akka maariyaami obboleettii muusee
Waaqayyoof hojjennaa isaa nu gaggeessee
Isarraan kan hafee kan biraa hin beeknuu
Waaqa ormootaatiif harka keenyan laannuu
Naasuudhaan baqatee diinni sagaleesaa
Yommuu dhagesisuu samiin qaqawweessaa
Isaan suun humnaafi qabeenya isaaniitiin
Nut garuu ni moonaa yoomiyyuu taanaanii