Kakuu Araaraa Kidaneemihreeti
Beresa Abebe
Jul 23, 2025
A/F/D/n W/Sanbet Baqqalaa
1919 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Sin waammadha yeroo dhiphinatti
Dhiifama naaf kadhu ilma kee irraati
Karaa jireenyas irraanfadhe
Ajaja Gooftaas yoon dagadhe
Haadha koo sin waama na gargaari
Bineensan nyaatamuu na baraari
Biyyi lafaa kun na balleessuuf
Kaayyoo seexanaatti na galchuuf
Atoo naaf taatetta wabii koo
Daf na qaqqabi ati haadha koo
Maaluma argate maal abdate
Jedhee namni hunduu yoo dubbate
Anoo si qaba hin yaadda’u
Bakkee jireenyan kan na ga'u
Dhaloonni hundinuu si waammata
Rakkoosaa baasee sitti himata
Anis kanaafan si waammadha
Araara keettis nan abdadha
Play on Telegram
src="https://news.google.com/swg/js/v1/swg-basic.js">