Kottu Mikaa’eel kottu
Web Master
May 5, 2026
F/taa Koo\'eel Shawaa
764 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Gadda balleessitee
Nagaa kan laattu
Kottu Mikaa’eel kottu
Gargaaraa Afoomiyaa….M.K
Hojii seexana irraa
Sidha kan fayyise
Baahiraan du’a irraa
Nunis nu gargaari
Akkuma isaanii
Mikaa’eel nu dhaabii
Amantaa keenyani
Oduu gammchisaa hundatti kan himtu
Kottu Gabri’eel kottu
Kottu Gabri’eel kottu/2/
Oduu...
Barri yoo raawwatu…G.K
Waaqni nama ta’uuf
Kan ergame sidha
Misraachoo himuuf
Uumaa keenya biraa
Nuuf kadhu araaraa
Gabri’eel qulqulluu
Sooraa kakuu haaraa
Xoofoosa qulqulluu namaaf kan hirtu
Kottu Uraa’eel kottu
Kottu Uraa’eel kottu /2/
Xoofoosa...
Situ xoofoo laateef…U.K
Izraa suutu’eeliif
Ogummaa barsiiste
Beekumsa kan hirteef
Ergamaa Uraa’eel
Mul’ate aangoon kee
Kennaa keetin fayyee
Himee kabaja kee
Waadaa siif galameen nagaa kan buustu
Kottu Takliyyee kottu
Kottu Takliyyee kottu(2)
Waadaa...
Yohaannis lammaffaa…T.K
Gooticha wangeelaa
Kan nutti argisiiste
Karaa isa qajeelaa
Kawaala kee irratti
Ifa kee ibsite
Takliyyee qulqulluu
Nageenya labsitee
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu