Umrii koo naaf eebbisi bara gaabbii koo
Kan diina koo akka hin taane galgalli kan koo
An harka keerra jiradhee du'uu naaf wayya
Xumura koo naaf miidhagsi maaloo uuma kiyya

Mukti baala baasee fagoorratti muldhatu
Gogeetu ni bafa hongee hin dandamatu
Naaf hin kennin goofta umrii gabaabdu
Yerodhaaf muldhattee booddee kan dhabamtu
Na hin taasisin~biqiltuu hin guddanne
Na hin taasisin~muka firii hin laanne
Na godhadhu malee~nama siin jiraatu
Caamsaan yoo dheeratellee~ isa dandamatu

Daraaran midhagdee bakka hundaa muldhattu
Yeroo yartuu booda wayaa gaddaa uffattu
Miidhaginni tole kan umrii hin qabne
Na hin taasisin maaloo kan siin hin jiraanne

Sibilli midhagdee warqee kan fakkaattu
Abidda osoo seentee tasa keessa hin baatu
Lakkii warqee miti innoo madaabiidha
Margi mimmiidhagdus jallishee dhoqqeedha

Akka karaatti hafe Deemaas manaa bahee
Miidhanni addunyaa qalbiisaa booji'e
Biqiltuun biqiltee qoree keessa buute
Akka hin guddanne hudheetu qabate