Galata koo Waaqaf  Nan Dhiyeessaa
Bultoo isaattii seenen Isaafin Sagadaa
Eelshaadayiidhaa Gooftan Hunda Danda'uu
Ni raawwata Waa'ee Koo Homtuu isan Dhibu

Meexxii Qabadhee Akka Daa'immanii
Hoosa'ina Jechaa Nan  sagada Anii
Yoon Duwwaa Ta'ellee beekumsa Yoon dhabeeyyuu
Maqaasaa Faarfachuu Kan Na Dhorku jiru

Waaqa Koo Fuuldurattii Jecha Qaba Ani                  
Qooqnii koo faaruudhaa Kan Kee Ta'u koonii
Balbala Aminaadaa Fuuldura Taabotaa          
Kabajaaf  Naanna'en Dhiyyeessaa Galataa

Hiikkaa Jireenyaa Siidha Abdiin koo
Maqaa Kee Jajachuun Eeyyee Naaf  Hojii koo
Gooftaa Amanamaaf dhugaa Baatuu Ta'e
Kabajaan Deebi'ee Eebbaadhaafis Ta'ee

Ka'umsikoo si'idhaa humniif kabajnii koo
Ga'umsikoos si'iin goolabnii dhumakoo
Gaara Tsiyoonittii ifa waan naaf gooteef
Adii uffachuudhaan anis siin faarfadhee!!