Maal ta'a osoo taane akkuma Saloomee
Si waliin godaannee galataaf dhaabbanne
Maal ta'a osoo taane akkuma Yooseefi
Laphee qulqulluudhaan waamamne eebbafi

Silaa obsa barra gidiraa danda'uu
Gadi of-qabumaadhaan oftuulummaa mo'uu
Hammeenya dhiisanii dhugaa waliin ba'uu
Nun dhoowwatin dubroo laphee kanaaf ta'u

Nuuf eyyami maaloo si galateeffanna
Si waliin beelofnee beela kee hirmaanna
Murtee nama ajjeesuu sobarraa baqannaa
Araarsummaa keetti amannee jiraanna

Barii lafaa hin eegnu halkanuma Walakkaa
Sababa hin baay'isnu ni deemna si duukaa
Fayyina keenyaafis ni qabda akeeka
Yooseef nu taasisi maanguddicha beekaa