Kennaa argatte misraachoo himuutti
Aboo kan fudhatte fuuldura waaqatti
Dhuguma argatte badhaasa kan Gooftaa
Gabri'eeliin jenna duursaa ergamootaa

Kochoo dirirsitee durasaatti qubatte
Yeroo aarsaatti fuuldura dhaabbatte
Raajii dubbatame Daani'eelitti ibsite
Nama fakkaattee isatti kan mul'atte

Nabukadanatsoor yeroo in dhaadate
Ijoollee sadeenitti abidda qopheeffate
Sumsumin diinotaa isaanumaaf ta'e
Gabri'eel ati dhufnan abiddi qabbana'e

Aarsaa libaanaa yeroo dhiyeessutti
Lubni Zakkaariyaas mana qulqulluutti
Koochoo diriirsitee aaga itti dubbatte
Akka ilma argatus gammachuu itti himte

Lallaba misraachoo oduu haaraa himte
Dhalachuu Gooftaadha durbootti dubbate
Kanaaf si beekna nuti hojii kee ilaallee
Ijoolleen Tewahidoo siif galchina ilillee