Yaa biyya lafaa
Ulfinniif kabajni Kee ni hafaa (2)
Ani biyyan qabaa Biyya jiraattotaa
Mandaraa miidhagduu gidduu qulqullootaa (2)


Habaaboo miidhagaa Kan Koo fakkeessitee
Foon Koo cululuqee lubbuu balleessitee
Maalsaa na fayyadaa lakki natti haa hafuu
Amma dammaqeeraa lammataa hin rafuu
👉Jilbakoo luqqaasee imimmaan lolaasee
Waaqayyoottan boo'aa an qabaa Sillaasee (2)

Lakkii yaa lubbuukoo wangeelaan jabaadhu
Amantii ishee dhugaaf mudhiikee hidhadhuu
Abdii tasa hin qabduu biyya lafaa irrattii
Jireenyi miidhagaan gubbaa samii irraatii

Waan hedduun karoorsee biyya lafaa irrattii
Tasa naaf hin taanee galaa lubbuu kootii
Kanaafan si jibbee foon duruu Kan keetii
Lubbuukoo hin miituu kennaa waaqayyootii

Jireenyaa Addunyaanii Baay’ee miidhameeraa
Jibbatuu na guutee jaalalas dhabneerraa
Maarree nu haa gahuu Kan darbee barichii
Gooftaaf haa bitamnuu ililleen si achii