Tokkummaa nuuf kenni
Beresa Abebe
Sep 4, 2026
Waldaa Duuka Bu'ootaa
1128 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Akka Duuka bu'oota keetii sii wajjin jiraanna
Akka duuka bu'oota keeti Afuura keen jabaanna
Akka Duungoo baquun Addunyaaf ifanii
Dadhaaba fakkatan osoo humna qabanii
Iyyasuus Gooftaani Mootii moototaati
Jechuun Dhugaa bahan hanga du'anitti
Qilleensa jabaadhaaf Abidda keessaanii
Lallaaban Wangeela obsaan dhabbatanii
Hojiin biyya lafaa darbuusaa hubatanii
Foonin midhaamanii lubbu jabeessanii
Afuura Gooftaani mudhiin isaani cimee
Beelaaf rakkinnisi homaa itti hin fakkanne
Dhugaaf wareegaman osoo sodaatinii
Jabiina akka kanaa yaa Goofta nuuf kennii
Nuti dadhabootaa homaa warra hin beeknee
Maqaa keetti amaanne waliitti qabaamnee
Yaada mamiif shaakki nurratii fageessi
Jecha sagaale keen nuu dhaabii nu ciimsii
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu