Dhalateera Gooftaan
Dhalateera gooftan fayyisaan addunyaa (x2)
Durbee Maariyam irraan dhufe gara Keenya (x2)
Ergamaa Gabri'el'in samirraa ergame,
Durbee Maariyamitti missiraachoo hime,
Sagalee gammachuu, tasgabbiin fudhatte,
Keessashee Waaqayyoof laatte, dabarsite (x2)
Mooraa horii keessatti gooftan nuuf dhalate,
Gad of qabu isaatif Beetelihem filate,
Gammachuu guddadhan, tiksitoonni faarsan,
Ergamoota waliin goofticha leellisan (x2)
Hayyoonnis dhufanii urjii hordofanii,
Biyya fagoo irraa ka'uun imalanii,
Warqii ixaanaa, kumbii gooftaf dhiiyeessani,
Galanni kan keeti jechuun sagadani (x2)
Mandara daawwitit fayyisaan dhalate,
Qoricha nuuf ta'uuf, foon namaa uffate,
Faaruun ergamootaa, samiif lafa guute,
Diinni ilma namaa, Daabilos rifate (x2)
Kanaaf haa gammadnu, ishoo ishoo Jennee,
Lamuu hin garboofnu, har’a bilisoomne,
Galatan dabarre, nyaata taasifannee,
Haa jiraannu nagaan, cubbuun adda baanee (x2)