Raajii ulfinni kee humni Waaqayyo si golbobe
Dhugaadha, Ergamoonni sitti marsanii
Yaa miidhagduu akka aduu
Anoo si qaba, hooma hin barbaduu
Hundu yeroof qabeenyi addunyaa
Jaalalli kee ha moo'u laphee Maariyaam keenya

Siinan jedhaa qulqulleettii
An jaalala keef booji'ameetii
Osoo eeganii baay'een baduu koo
Na goorfatteetta, na waamte haadha koo

Balbalitti ishee cufamtuu
Jedhee dubbata raajicha hizqi'eeltu
Waaqni ittiin seenee ittiin baheera
Gonka itti hin seenne namni kan bira

Yaa fakkaattuu ulee leemmanii
Abdii hin qabu ani si dhiisnanii
Kennaa Eebbaati ati badhaasa addaa
Gonka si dhiisu, Maariyaam sin jaaladha