Dhiphachuun kee gooftaa koo

681b5b81893a8.jpg
Posted on > 2025-05-07 00:00:00 Posted by > Yoseph Tena

Dhiphachuun kee gooftaa koo garaa na nyaataa
Oolmaan kee qaraaniyoo kan guyyaa jimmaata
Ati unuuf jette fannoo jiidhaa baattee
Iddoowwan shan si waraanannii mukaatti fannifamtee

Kabbalaaf dhiitichaan fannoo irratti olbaatee
Cubbuu keenyaaf jecha cubbaamas kan taatee
Ba'aa keenya baatee isaa nutti baanuu
Galatoomii gooftaa waan siin jennuun qabnu

Tuffatama taatee ati mootiin hunda
Oolmaa nurraa qabda gocha isa guddaa
Kan akkas namaaf ooluu eenyuree akki kee
Kan nuuf oolun jiruu gooftakoo akka kee

Jaalalaa kee dhugaa fannoodhan muldhiftee
Du'a lubbuu irraa bilisa na baaftee
Nutii badnee turee baleessaa Hewwaninnii
Bilisa baannera dhiphachuu kee dhaannii

Kan kee hundaa caalaa oolmaafi arjummaan kee
Dabarsittee laate Addaamiif lubbuu kee
Galanni kee hin dhumuu oolmaa qabdaa nurraa
Ulfaadhu uummaa koo hanga bara baraa

Please Login / register to comment!

Related Posts

681b4f68c594a.jpg
Waaqummaan kee dhugaadha

Waaqummaan kee dhugaadha, hin haalamu, Akkeenyi kee jaalala, hin qoratamu. Duris turtee ni jiraatt ...

Read More
67c610b243c8b.jpg
Geenyeef miti

Geenyeef miti fuulaa kee duraa Hulaa dhabbannee fagootu jiraa Waadaan dagatuu nama hin tuffatuu S ...

Read More
67c01e0d7981a.jpg
Guddinnaa kee ulfinnaa keen odeessaa

Guddinnaa kee ulfinnaa keen odeessaa Jaalalaa kee argee akkamitaan dhisaa Wangeellaa kee addunyaaf ...

Read More
681c9cf5adcb0.jpg
Jecha namaf miti hojiin kee gooftaa koo

Jecha namaf miti hojiin kee gooftaa koo Ato hin tuffanne ilaalte seenaa koo Ni darba hundumtuu guy ...

Read More
67bac88a3ff8f.png
Mul'ata ifee ba'u

Abjuu badee hin hafne mul'ata ifee ba'u Kaayyoo dhugaan qabaa galaa kan naaf ta'u Gooftaa laphee k ...

Read More
681b26e8320af.jpg
Nan beeka iddoo koo kaleessaa

Nan beeka iddoo koo kaleessaa Bakka ati na fiddee dachee onaa kesssaa Garaa kotti yaannee tasa yaa ...

Read More
681b43612623e.jpg
ADOONAA'IDHAA

Adoonayii ati waqaa jiraataa Gochaa kee addaa goftaa goftotaa Ati nu fayyisuuf fannorraa oltee Ga ...

Read More
681dff674a3fb.jpg
Galatan Galchaafii Waaqa koofii

Galatan galchaafii Waaqa koofii Bultoo isaatti olseene sagadee isaafii Haallee haallee luyyaa Haa ...

Read More
681b5468242eb.jpg
Waaqayyoo Amanamaa

Ture fakkaatus itti hin barfatu tasumaa, Waaqayyoon keenyaa amanamaa dhaa silumaa. Inni jalqabaa, ...

Read More
Search
Login

Don't you have an account yet?
Register Now

Join Our Community
We'll never share your email with anyone else.