Ani eenyu gooftaa
Web Master
May 11, 2026
F/ttuu Werkinesh Asfaw
378 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Ija araara keen dhiifaman laalamee
Tola keen Gooftaa koo fayyee dhaabbadheera
Otoo akka namaatii irraanfatameera
Yeroo gammachuutti si wajjinin nyaadhee
Yeroo dhiphuu keetti hin beekum kakadhee
Fayyina koof dhufnaan garaan koo jabaatee
Fannootti ol si baase cubbuun koo baayyate
Kan namaa jaalalli kenneetoo fudhataa
Hir'isee hiixateet guutuu hammaarrataa
Kan kee liqii hin qabu Tola hundumtisaa
Naaf wareegamteetta dhiiga kee lolaasaa
Namni kan jaalatu kan isa jaalatee
Akka kee diinasaa eenyu kan dhaabbatee
Daddarbaa koo maraa kan naaf irranfatu
Iyyesuus si malee hin jiru eenyumtuu
Erga na jaalattee ati eenyu jibbitaa?
Eelaa koo naaf eeltee du'a koo duutettaa
Atoo jechaan olii maal jedhee si waamuu
Daangaan jaalala kee gonkaa hin tilmaamamu