An sin eebbiffamee summaan kabajamee
Galatommiin jedha maqaa keen faarfaadha

Seenaan koo haaromee sumaan jijjiiramee
Kunoo ol jedheerraa ankee si ta’erraa

Jaalalaan na waamte gooftaa naa guddiftee
Si natti barreede suuraa kee uffaadhe

Faarfaattaan jedhamee an sin filaatemee
Hojiin kee raajidha gooftaa sin faarfadhaa

Nan faarsaa gammachuun maqaa ol qabun
Kunoo sin sagadaa narratti maqaa qabdaa

Daandii kee qabadhee an jireenya argadhee
Boodatti hin deebi’uun sin addaa hin ba’u