Eenyutu hadheessa kan Waaqni filaate
Yoseph Tena
May 8, 2025
1657 Views
"
Eenyutu salphisaa gooftaan kan jaallate
Waaqayyootu muudee qulqullootta hundumaa
Qaamaa Waaqayyooti eenyutuu isaan mormaa
Jaalali Waaqayyoo isaan mo’ee
Jireenyi addunyaas isaan ga’ee
Maqaa Iyyeesuusiif warreegamanii
Goonfoo ulfinnaa badhafamanii
Maatiidhaafi qabeenyas dhiisanii
Wangeellaa isaaf dukkaa bu’aanii
Addunyaa bushaa’aa mi’eessaniruu
Daandii isaa dhugaa labsaaniruu
Dhagaan ajjeechadhaa itti roobsuus
Tasaa himuu hin dhisnee waa’ee Iyyeesuus
Du’aafi reebichaa dhiphuu obsaanii
Maassi isaa dhugaa ni lallabanii
Kabaajni ni ta’aa qulqulloottaaf
Ifaa ta’aannirruu biyyaa lafaaf
Dhiigaan caffaamee maqaan isaanii
Baraan jiraataa yaaddoon isaanii
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu