Mikaa'el naaf dhufee gadduun koo ni hafee
Naannoo kan koo (2x) buufate eeggan koo

Angafni ergamoota taajajilaan gooftaa
Mo'annaan dhabbatee mo'aatee dinootaa
Gartuu isaa walliin hirirarti dulee
Garreen Saaxina'eelli si'ooliitti galee

Gaabri'eel naaf dhufee diinni koo ni kufee
Jijjiiramee(2x) duutii koo labsamee

Karoora diinoota karaatti hambisee
Waaqarraa ergamee abiddicha dhamsee
Nebukadanatsoor mootiin Baabilonni
Kayyoon isaa diigamee maqaa Gaabri'elittiin

Dhufee Ruufa'ellii Raammararra ariitiin
Dhiphinnaa koo (3x) furuudhaf rakkoo koo

Dhukkuboota hamoorraa nama akka fayyisuuf
Gaddamessaa haadhollis nagaan akka hiikkuuf
Abboon kennamerraaf Waaqayyoo biraatti
Qulqulluu Ruufa'eel nuuf kottu ati har'asi

Waaqayyoo qulqulluu warraa sodaattanni
Ni fayyisuu (2x) ni eegguu ergamoonni