Iyyesuus Cuuphame
Iyyesuus Cuuphame nutis fayyinee
Garbummaarraa bilisa baane
Hojiin Seexanaa - Bilisa Baane
Karaa dhiphinaa
Nurraa ka'eeraa
Gooftaan moo'eraa
Cuuphamu isaatiin nutis carroomnee
Galata waaqaa bilisa baanee
Yee cuuphame - Bilisa Baane
Gooftaa iyyesuusi
Tokko taasise
Yooriif Daanosi
Bara hedduudhaf addaan bahanii
Gooftaan cuuphamnaan tokko ta'anii
Gaarreen gammadan - Bilisa Baane
Tulluun utaalaan
Cuuphamu isaatiin
Samiim banaman
Sanyii Addaamiig ta'e Gammachuun
Nurraa darbeera baraan gubachuun
Galanni Yordaanos - Bilisa Baane
Sodaan baqatte
Fuula kiristoos
Hin laalu jettee
Yordaanos dhaaphuu hin baqatinii
Ba'aan kee in bu'aa Aangoo waaqanii
Boojiin hafeeraa - Bilisa baane
Kansaa taanerra
Cuuphaas cuuphamne
Kiristoos uffannee
Diini haa gubatu nuti kansaati
Nu bitateera jaalala isaatiin