Kan fayyuu barbaadu
Yoseph Tena
May 9, 2025
1255 Views
"
Eyyeen dhugaadha
Dhiigaan kan nu bitee kiristoos qofaadha
Eyyeen dhugaadha
Sanyii namaa hundaaf samiirraa gad buutee
Duutee du'a mootee jireenya nuuf laattee gooftaan sumadhaa
Harka yoohannisitti yoo cuuphamte ati
Fakkeenyi kee hunduu madda jaalalatti fayyisaadha ati
Yoohanniis yoo cuuphee bishaanidhaan innii
Kan na booda dhufuusi cuupha abiddanii inni afuuraanii
Lubbuu badee turee fayyinatti baastee
Waaqummaa keetiinii jireenya nuuf laattee du'a nuu olchitee
Xalayaa gabrummaa yoordanoosiin turee
Xoofoo du'a keenya jireenyaat jijjiiree du'aa nu furee
Fayyinni amantaa cuuphaadhaan argamaa
Adduunyaan hundumtuu isaan baraaramaa gooftaan furamaa
Fakkeenya gugeetiin ni bu'e afuurii
Gara keenya dhufee gooftaan jaalalaanii isaan baranii
Fakkeessuudhaaf malee addunyaan sobaadhaa
Abbaan qulqullummaa amaanu'eel qofaadhaa inni gooftaadhaa
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu