Galatan galchaafii Waaqa koofii
Bultoo isaatti olseene sagadee isaafii
Haallee haallee luyyaa Haallee haallee luyyaa jedhee
Olmaa isaaf dubbadhaa wanta innii naaf godhee
Jabaadha Waaqayyoo Hundaa ni danda'aa
Jecha sagalee isaaf hundumtuu ni ta'aa
Isa nan argannee nagaa mana koofii
Aalfaadha Oomegaa innii abdii koofii
Afaan leencaa cufee ibiddaas ni dhaamsee
Jiraataa nuu godhee du'a keessa baasee
Mootii samii lafaa Gooftaan maaloo dadhabaa
Qilleensa keessattii innoo karaatti qaba
Bakkeetti gatamee miidhamee waaqni Koo
Calliseetuu darbee Na ilaalee firri Koo
Suphee ol na kaasee qaba Koo dhiidhiibee
Galanni isaaf haa ta'uu fuula isaa na dhaabbannuu
Dhiiga isaa qulqulluu mallatteeffameera
Damee meettii baadhe galataaf ba'eeraa
Sagalee mo'ichaan nan Waaqa maqaa isaa
Bara jireenya koon dubbadha waa'ee isaa