Ati na gargaarii
Web Master
Feb 22, 2025
F/ttuu Margee Deebisaa
1802 Views
"
Ati na hin gatin yaa uumaa koo
Sittin laadhe bara jireenya koo(2)
@Ceesisa
Kan karaarratti kufee ijji isaa jaamee
Abaaramadha inni ittin kan jedhamee
Harkaa keetinii inni kan kaafamee
Anas Gooftaa sumattin kennamee
@Ceesisa
Gaaddisa keetti kanan sooramee
Dibata addaati nan badhaafamee
Barruun kee sassaabaa hundumaa
Gooftaa koo hunduu siin ilaalamaa
@Ceesisa
Ati Dahoo gaariidha Mootii koo Iyyesuus
Na dagatiin ati jireenya koo naaf Eebbisi
Mana kootti Seeni kooluu sitti galeeraa
Naf koottu dafi maqaa kee waameeraa
@Ceesisa
Seenaa xuraa’ee dhiigan qulqulleessitaa
Chaappaa addaatin namaaf bareechitaa
Garaa jabaattu Arjummaan kee addaa
Iyyesuus siin qabaa Abbaa isa guddaa