Araarsituu Maariyaam araarsituu x3
Araarsituu…Yaa haadha garraamii……..
Dubree Maariyaamii
Yaa gara-laafettii
Diina naaf falmi atii
Araarsituu Maariyaam araarsituu x2
Eenyu jedheen waamaa maqaa kee
Maariyaam natti ulfaatee gochaan kee x2
Araarsituu...Yaa haadha jaalalaa…..
Sumatu naaf caala
Yeroon waa hin qabnetti
Qabeessa na gooteettii
Araarsituu Maariyaam araarsituu x2
Eenyu jedheen waama maqaa kee
Maariyaam natti ulfaatee gochaan kee x2
Araarsituu…Koottu mee gara koo….
Yaa haadha Gooftaa koo
Ilaali hir’ina koo
Guuti hir’ina koo
Araarsituu Maaram araarsituu x2
Eenyu jedheen waamaa maqaa kee
Maariyaam natti ulfaatee gochaan kee/2/
Araarsituu...Baay’inni yakka kootii……
Gooftaatti na hin butuutii
Kadhannaa koo fuutee
Gooftaa gurra buuftee
Araarsituu Maariyaam araarsituu x2
Eenyu jedheen waama maqaa kee
Maariyaam natti ulfaatee oolmaan kee x2