Giyoorgiis jabaadhaa
Yoseph Tena
May 9, 2025
835 Views
"
Eyyee Wareegamaa gooftaatii×2 goota amantaatii/4/
Dhugaa dubbii Waaqaaf of kennee du'attii
jireenyaa dhugaadhaaf/2/
Eyyee [Gonfoo qulqullinaasi×2] argate Waaqa irraatii/2/
Mootichii Didiwaanoos inaaffaa
guddaadhaan isa irratti ka'ee/2/
Eyyee Isa ajjeesuudhaafi×2 baay'isee dhamaa'ee/2/
Mootummaa Waaqayyoo Wangeela lallabee
warra hin amannettii/2/
Eyyee Osoo hin soodaatinii×2 dhaabbate amantinii/2