Maal jedheen hima arjummaa kee
Maal jedheen hima arjummaa kee
Dubbadhee hin fixu gaarummaa kee
Tasumaa na hin danda’u garaan koo
Sirraa addaan ba’uu Maariyaam koo*2
Warra rakkatan: Maariyaamii
abdii kutatani
Yaaddoo baay’eedhani
warra dhiphatani
Ati furmaata isaaniif taateerta
Imimmaan isaanii Qoorsiteerta*2
Rakkoo Baay’eedhan: Maariyaamii
yoon qabameeyyuu
Hiyyummaadhanis
yoon dhiphadheeyyuu
Maariyaam si qaba qofaa miti
Rakkoon baay’atus homaa miti*2
Gadaamessi kee: Maariyaamii
Gooftaa kan baate
Ijoollee Addaamiif
haadha kan taate
Si filateera Waaqayyoon kee
Kanaaf si faarfanna ijoolleen kee*2
Ati Heerodosiin: Maariyaamii
yommuu ari’atamte
Mucaa kee wajjiin
yommuu dhiphate
Baay’ee mucaashee mararfatte
Boossee imimmaan ishee dhangalaaste*2
Gad deebi’ootaaf: Maariyaamii
garaa kan laaftu
Ijoollota keef
bdii kan taatu
Maaloo maal jedheen si jajadha
Maariyaam maqaa kee nan faarfadha*2