Gaa’ela gooftaan eebbisee kenneeraa
Eebba isa duraa baay’adhaa jedheeraa

G.Gooftaan….
Gaafa guyyaa arfaffaa
Mana galiilaatti
Gooftaan argame
Mana dookimasitti
Bishaan ni jijjiire
Daadhii waayiniitti
Har'as haa argamu
Gidduu keessanitti

G.Gooftaan...
dhala eebbifamaa
Waaqaf kan hojjetu
Dhugaarratti hundaa’e
Waaqaf kan dhaabbatu
Abboommii saa eegee
Isaaf kan jiraatu
Akka Abraahamiif saaraa
Isiniif haa laatu.......<<*2

G.Gooftaan…
Horaatii baay'adha
Dachee mara guutaa
Jedhe Addaam eebbise
Mootichii moototaa
Waadaan galameefi
Har'as ni hojjeta
Isinirra haa bulu
Eebbi manguddootaa

G.Gooftaan...
Gaa'ila qulqulluu
Gooftaan kan jaalatu
Kunoo guyyaa har'a
Raawwatanii jirtuu
Isinitti gammaddee
Manni kiristaanaas
Faaruudhan dabalte
Cidha keessan kana