Dugda diinoota koo kan naaf bitte furii lubbuu Koo
Marga lalisaas kan naaf taate ati waaqakoo
Yennaan maqaakee dhahuu Nan jarjaraa Nan ariifadha
Danda'e of hin qabu gaarummaakee sanan yaadadha

Tollikee badaa badee deebisa
naatoonkee haalaan nama naasisa
Ajajaan samii utubdee dhaabdee
Dhugaa dubbachuuf na ajaa'ibdee

ljikee dhoksaa dukkanaa baasaa
Dubbiinkee hundee lafaa sochoosa
Kennaanke Ayyaana natti uwwisee
Eebbikee dhaba quubse nyaachisee

Jechikee dhibee namaa fayyisaa
Harkikee galmee badee haareessa
Yaadakeen takka nama hin tuffattu
Garaa Qulqulluun kan na jaalattu

Play On Telegram