Siif kenneera Umurii koo
Kunoo dhalii baroota Koo
Keeti Gooftaa guutummaan Koo
Ani keeti atis kan Koo

Daandii irraa situ na yaamee
Ija keetin ilaalamee
Ani hin dedhu galata kee
hin dagadhu Ani oolmaa kee
Abbaa oolmaa naaf ta'u kee

Kunuunsa keen laliseera
Eebaa keetin dagageraa
siif jiraadha du'us si'iifi
hin yaada'u ofii koofii

Xiqqaa jettee hin tuffattu
Ati Fuulan hin madaaltuu
Laphee qofa maddalin kee
Haa ulfaatuu maqaan kan kee

Jaalalaan sin tajaajilaa
gaddisa Koo kan galigalaa
faaruu haaraa qabadhee siifi
hiriireeraa Galata keefii