Surraan Adeemta

681b4b454aa80.jpg
Posted on > 2025-05-07 00:00:00 Posted by > Yoseph Tena

Surraan adeemta takkaa hin durfamtu,
Abidda dhaamsuuf bishaan hin baattu.
Galmee badiinsaa ni haaressita,
Mootii moototaa maaltu siin gita?

Gaarotni beeku deemsa faana kee,
Hunduu hin ilaalu, ni sodaata ija kee.
Abidda hodhitee abidda uffatta,
Siin maal jedhuree maaltu siin gita?
Eenyutu siin qixxaata?

Lafa abiddarraa qilleensaan hiitee,
Saamii gararraa teessoo kee gootee.
Mil'uu tokkichaan hunda too'atta,
Uumama lafaa walqixxee soorta,
Hunduu siin abdata.

Quba keen tuqxeef tulluun boba’e,
Museen humna kee ilaaluuf ka’e.
Foddaadhan fiddee arge Eeliyaas,
Sugi kee guutuu gooftaa Iyyesuus,
Naaf mul'adhu har'as.

Lubbuu kan dhabde kaafte xaabitaa,
Alaazaariinis du'aa kaafteetta.
Haannaan eebba keen haadha ilmaa taate,
Kan sitti cite eenyutu salphate?
Hundaaf situ dhaabbate.

Please Login / register to comment!

Related Posts

67db9f7f77f05.jpg
Galata Gooftaa Kan Guyyaa Gaafa Kamisaa

Kadhannaa qalbii Jijjiiranna Kanan si jaaladhu yaa Gooftaa, mana qulqullummaatti ...

Read More
681dffe27296a.jpg
Badiin Addaam Ga'ee

Badiin Addaam ga'ee fayyinni labsamuuf(2) Gabri'eel ergamee missiraachoo himuuf Gammadj maariy ...

Read More
681b4f68c594a.jpg
Waaqummaan kee dhugaadha

Waaqummaan kee dhugaadha, hin haalamu, Akkeenyi kee jaalala, hin qoratamu. Duris turtee ni jiraatt ...

Read More
681b56371abfc.jpg
Iyyesuus Ati Anaaf Marartee Koo

Iyyesuus ati anaaf marartee koo, Humna koo galgalaa moogolee koo. Jaalalaa keen hiddameen kulkulfa ...

Read More
67c6e5015b9ec.png
Nuuf jette kan Duute gooftaa koo

Fannootti olbaateka uumaa koo Nuuf jette kan Duute gooftaa koo Jaalala kee ibsite dhiifamaani ...

Read More
681b096541c4f.jpg
Tiksee gaariin qaba

Tiksee gaariin qaba Abbaa gaariin qaba Waa'e isaan odeessa Jireenyi koo isaa Bittaansaa jaalal ...

Read More
67bac9f275320.png
Dhiifamni kee

Araarrikee baayeedha dhiifamnikee daangaa hin qabu(2) Harka keerratti kufuu nuuf wayya ya gooftaa ...

Read More
681de8ea24e5c.jpg
Iyyesuus kiristoos waaqayyodha jette

Iyyesus kiristoos waaqayyodha jette Tewahidoon wangelaan nu barsisa turte Nutis dhuga baana eeey ...

Read More
681dfd56dc080.jpg
Ofumaa mitii nu waamun kee

Ofumaa mitii nu waamun kee Samii samiirraa gad bu'uun kee Bilisa nu baasera humni kee Nurra golbo ...

Read More
Search
Login

Don't you have an account yet?
Register Now

Join Our Community
We'll never share your email with anyone else.