Si qofa naa beeka rakkina koo hundaa

Category > Gaabbii
67ddcc856714d.jpg
Posted on > 2025-03-21 00:00:00 Posted by > Web Master

Si qofa naa beeka rakkina koo hundaa
Gaaffiif deebii dhabee keessi koo na mudda
Ciisu hirriba hin qabu nagaa na dhowwate
Dabaan sitti oole garaakoo na nyaate

Godaansa yaadatee qalbiin koo qaari'e
Biyya hin beekne deemee sammuun saamii ba'ee
Si ganee jiraachuu keessi koo hin eyyamuu
Deebisee eenyummaakoo mucaan kee haa hiikamu

Cabee wallaanama (dhidhiibama) namni harka keetti /2/
na hiiki waaqakoo anaan cubbuu koottii/2/

Nama homaa hin baasnee gooftaa ani muraala
Hiikama hin argannee cubbuu na takaala
Onneen koo dhiigeera yakki koo xuxxuqee
Abaaree guyyaa koo isaan sirraa maqee

Qarabaan daliilaa kennaa kootti bu'ee
Harka diinaat kufuun hatoota koo ta'e
Tokkoof Lama miti xaxaan koo baayyeedha
Si jalaa hin dhokatu iyyesuus siif ifadha

Leetoon koo sodoomii arras achi hin baanee
Si wajjin jiraachuuf hidhaa cubbuu hin kutne
Surraan narraa deemee dhabeera dhamdhama
Iyyesuus si malee maaltu naaf qaqqaba


 Telegram Icon
Play from Telegram

Please Login / register to comment!

Related Posts

681ca3d37a345.jpg
NAAF JETTEE KAN DUUTE

Fannootti olbaateka uumaa koo Nuuf jette kan Duute gooftaa koo Jaalala kee ibsite dhiifamaani F ...

Read More
67d55d8756e05.jpg
Haqa haqni isaa haqame

Haqa haqni isaa haqame Dhugaa dhugaansaa sarbame Ol iyyannoo hin qabu lafarraa dhageettii Sitti i ...

Read More
67f20e0227746.jpg
Murtii du'a kootii situ bakka buufame

Murtii du'a kootii situ bakka buufame Mataakee bareeda Doreen itti gonfame Qullaakoo dhoksuudhaaf ...

Read More
680290447a24c.jpg
Yohaannis Qabattee /ዮሐንስን ይዛ /

Yohaannis qabattee gara qaraniyoo Durbeen Maariyaam deemte jechati wayyoo Gaddi ilma ishee waa'een ...

Read More
67e4413819fd1.jpg
Gaabbii diide lapheenkoo

Gaabbii diide lapheenkoo Kattaarra jabaatera. Gatii dhiigan nabituukee Oolmakee dagateera. Ati ...

Read More
Amma reefan ba'e dukkanaa

Amma reefan ba'e dukkanaa  Mana kee ergan jiraadhee Si waliin tola hundumtuu Kanaafan sittti ba ...

Read More
67da5704334cd.jpg
Waa’ee koof madoofte dhiigdeem dirra keeirraa

Waa’ee koof madoofte dhiigdeem dirra keeirraa Ba’aa koo naaf baatte oolte fannoo kee irraa Gar ...

Read More
681b116fc0c53.jpg
Akkaa Arjummaa Keetti

Akkaa arjummaa kettii Maaloo naa faayyisii(×2) Akkaa araraa keettii Dhifamaa naaf godhii Dhifam ...

Read More
681b4aac77828.jpg
Imimmaanii fi jilbaani

Imimmaanii fi jilbaani sin galateeffadha ani, Oolmaa keetu garaa na raasaa. Abbaa koo, gatii kee a ...

Read More
Search
Login

Don't you have an account yet?
Register Now

Join Our Community
We'll never share your email with anyone else.