Yohaannis qabattee gara qaraniyoo
Durbeen Maariyaam deemte jechati wayyoo
Gaddi ilma ishee waa'een dhiphina ishee
Garaa nama nyaata cobni imimmaan ishee

Yohaannis dinqamus jabina gadda isheef
Olkaase gargaare daraan jajjabeessuf
Na marare ilmiko durbeenis jetteeni
Na dhiisi nan boo'afi obbolaa qabu inni

Boquu nama cabsa waan hundaa oliidha
Gaddi Maariyaamidha

Maqdelawit Maariyaam Salomeef yohaannisin
Maariyaam argani baay’istee Gaddinan
Boo'icha isheetin gadde lapheensaani
Oolmaansaa barani imimmaan buusani

Boquu nama cabsa waan hundaa oliidha
Gaddi Maariyaamidha

Raaheliin ni boosse ijoollee hin hammanneef
Dubaroon yoo boosses baattee waan godaanteef
Yaa’iqoob boo'eera dhiiga nama biraaf
Maariyaamiin yoo boossees ilmishee waan dhiigeef

Boquu nama cabsa waan hundaa oliidha
Gaddi Maariyaamidha

Hodhee waan guddateef harma durbummaashee
Dhabbachuun dandeenye yoo dhoobatu ilmishee
Yoo ilaaltu simboosaa dhiigan kan dhokate
Fooniif lubbuu kootiis gargar baasi jette

Play on Telegram