Iyyasuus qoricha addunyaa
Du'a keen nuuf laatte jireenya
Oolma keetif mal siif deebisnaa
Galataa fii weedduudhaan si farsinaa
Uumama hundarra jaalattee
Bifaaf fakkeenya keen naa umtee
Si waaqeesuuf qooqa koo bantee
Bultoo keet ol na dabarsitee
Jaalalaa koof lafatti buute
Durbeerraa foon namaa uffattee
Ogummaan nu giddutti argamtee
Ilmooli badan sassabbattee

Warri jaalatte si jibbani
Philaaxoos fuldura dhaabani
Yeroo sii reeban hin duubannee
Dhugaa qabaattus hin himannee

Fannoorratti si fanniisani
Hattootan wal sii qixxeesanii
Dhuma jaalalaf kasoomina
Yaa gooftaa akkamiin si ibsina