Mallattoo koodha durbee naaf ati
Si'in hiikate hidhaan narraati
Amma oljedhe ani mucaan kee
Na daawwateera ayyaanni kan kee

Abdii kan godhee hin bittinoofne
Imimmaan kan koo lafatti buune
Gaariidhaaf ta'e boo'ichi kankoo
Nageenyi guute Alaaf manakoo
Ciigoon fudhadhe kan Abbaa Goorgis
Dhaaphee Qiddaasee kan Hiriyaaqos
Yeedaloon Yaared guute laphee koo
Danbaliin hin jiru dhufte dooniin koo

Mudhiin hidhadhe dhiphus dagadhe
Har'as gammachuun imimmaan laadhe
Uffata gaddaa durboon jijjiirtee
Kan dhukkana'e jiruun koo ifte
Yeedaloo araarayi har'a baradhe
Jaalala isheef harkakoon laadhe
Ciigoon laphee koo-rra deddeebi'e
Kabajni dubroo keessakoo moo'e

Kanan diriirse barruunkoo guute
Gaddisa dhugaa Maariyaam taate
Kadhannan kankoo har'a kan biraa
Kabajni dubroo keessakoo fura
Godookoo har'a anaaf ibsite
Daandii kan kootis bareeda taate
Mataan kan koosi ol ol ol jette
Dubreef dhiyeessen galata kenne